Pabilisiitii Paartii Aanaa Surroo Barguddaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Pabilisiitii Paartii Aanaa Surroo Barguddaa, Barber Shop, Soyama Suro, Hagere Mariam.
01/06/2026
Caamsaa 24-2018 Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti uummanni guutuu Gandoota Aanichaa keessatti barii barraqqaan ka'ee Mootummaa naaf ta'a jedhe hiriiraan filachaa jira.
04/05/2026
Itoophiyaa_gara_biyya_fakkeenya_taateetti
Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti Sosochii Duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira
26/02/2026
!
=======
[Gurr.19/2018]-Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti sagantaan ifoomsa maanifeestoo fi mallattoo filaannoo Paartii Badhaadhinaa marsaa 7ffaa biyyoolessaa fi naannoo gaggeeffamaa jira.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Surroo Barguddaa Obbo Duuloo Tenoo sagantaa kana irratti akka ibsanitti,Paartiin Badhaadhinaa Paartii namoomaa,ilaalama tarkaanfataa fi injifataa,hammataa fi abbaa milkaa'inootaa ta'uu ibsanii,Nadoon(Laddeen) qamadii mallattoo filannoo Paartii badhaadhinaa ibsituu tokkummaa, cichoominaa fi waloomaa waan ta'eef, Badhaadhinni Paartii dhaloota haaraa fi egeree gaarii ta'uu dhaamaniiru.
Gama biraatiin Bulchaan Aanaa Surroo Barguddaa obboo Bariisoo Daawwaa yaadaa kaasuun ,Paartin Badhaadhinaa Paartii waadaa gochaan dhugoomsun milkaa'inoota roga maraan galmeessaa jiruun fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa kan jiruu fi filannoon bara kanaa diimookiraatawaa,haqa qabeessa hirmaachisaa akka ta'uuf xiyyeeffannoo guddaadhan hojjetamaa kan jiru ta'uu isaa ibsaniir
14/01/2026
Leenjii Damee Diinagdee qooda fudhattoota Sadarkaa Aanaa fi Sadarkaa Gandaattif kennama jira.
Ammajjii 6/2018
Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti Leenjiin Hoggansa Caasaa Damee Dinagdee Gandaa fi Ogeessota damee faayinaansii Aanaaf Hubannoon Dinagdee Bulchuu fi Cimsuu irratti kennamaa jira.
Leenjii kanarratti Itti IG Damee Siyaasa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Surroo Barguddaa Obbo Elemaa Gammadee bakka argamanitti Leenjiin Hoggansa Caasaa Damee Dinagdee Gandaa fi Ogeessota damee faayinaansii Aanaaf Hubannoon Dinagdee Bulchuu fi Cimsuu irratti kennamu eegalee jira.
Dinagdee gabbataa ijaaramuun guddinni damee hundaan cimee biyyaa kallattii maraan cimtuu taatee lammilee ishee jiraachistuu fi dorgomaa taatee jiraattu taasisa.
07/10/2025
Orrenteeshiiniin Duula Talaallii pooliyoo jalqabame.
**********************************
Fulbaana 27/2018 Gidina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti Duula Talaalli Pooliyoo Qindaa'aa Marsaa 3ffaatiif Orrenteeshiiniin Ogeeyyii Fayyaatii kennamuu eegalee jira.
Sagantaa Orrenteeshiiniin kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taassisan I/G Waajjira Fayyaa Aanaa Surroo Barguddaa obboo Baleelaa Morkataatiif IG Damee Sab-qunnamtii Paartii Badhaadhinaa Aanichaa obboo Jaalataa Odaa yommuu ta'an, tattaaffii ogeeyyiin fayyaa kana dura hawaasa tajaajilaa turaniif galateeffatanii, gara fuulduraattis hojii kamuu akka milkeessanu abdii qaban ibsanii duula kanas milkaa'inaan akka xummuuramuuf Qaami sadarkaan jiru gahee isaarraa eeggamu akka bahan dhaamaniiru.
Duulli Talaalliin pooliyoo Daa'imman umuriin isaanii waggaa 10 gadi ta'an hundaaf Fulbaana 30-Onkoloolessa 03/2018 manaa manaatti kennama. Dabalataan Daa'immaan waggaa 5 gadii talaallii idilee hin eegallee fi jalqabanii adda kutan adda baasuun dhaabbil adda bahuu qaban fi bakkeewwan talaallii yeroof qophaa'anitti akka talaalifaman ni taasitama.
Sanadi Barreeffamaa bifa Orrenteeshiinitiin karaa ogeessa buufata fayyaa aanichaa Obboo Hayilee Galgalootiin kan dhiyaate yoo ta'u mariin guddaan irratti gaggeeffamee jira.
Daa'immaan talaalchisuudhaan dhibee Pooliyoo haa ittinnuu.
Surroo Barguddaa
06/10/2025
Fulbaana 26/2018
===============
Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti , Konforaansiin Paartii Badhaadhinnaa kurmaana 1ffaa bara 2018 Sadarkaa Aanaatti Sagantaa garagaraatiin kabajamaa oolee jira
Sagantaa Konfiraasichaaf Haasaa Baniinsaa Kan taasisan Bulchaa Aanaa Surroo Barguddaa obboo Bariisoo Daawwaa fi IG Waajjira PB obboo Duuloo Teenoo yommuu ta'an, Gabaasni Rawwii Hojii Paartii kurmaana 1ffaa Bara 2018 Karaa IG Damee Sab-qunnamtii Obboo Jaalataa Odaatiin dhiyaate yaadoti baldhaan itti kenname jira .
17/09/2025
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Soyama Suro
Hagere Mariam