Chimdi

Chimdi

Share

Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a. Filiphisiiyus 4:13

Photos from Chimdi 's post 17/08/2026

Hundumaa Dhiisee Si Duukaa Bu'ee Akkan Fiiguuf Harkisii Na Gargaari....!!
Hundumaa dhiise akka si duukaa bu'ee akkan fiigutti harkisii na gargaari; kadhata jedhu Ofiikoo guutummaan guutuutti Abbaa keenya kan ta'e isa nu uume, Is hundumaa dura ture ammas kan jiru, bara baraan isa jiraatu, mootummaa isaa kan hin duune, kan hin dadhabne baraa hamma bara baraatti isuma ka ta'e Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti guutummaa guutuutti dabarsanii of kennuun cimnaan kiristoos duukaa bu'uu waanan barbaaduuf kadhata onnee koo guutuudhaan kadhadhu
Hundumaa Dhiisee
Kana jechuun Waaqayyo irraa wantoota na fageessan hundaa Cubbuu, hawwii biyya lafaa, akka malee of jaalachuufi fedhii dhunfaakoo dhiisee kiristoosiif of kennee kiristoos duukaa akkan bu'uuf akka na gargaaru Waaqayyoon kadhachuu
Duukaa Bu'uu
Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin kan duukaa buunu afaaniin amanuu qofaan miti. Sagalee isaa dhagahuun, isa amanachuun, isaaf abboomamuufi isatti jiraachuuni.
Na Harkisi/Na dhuunfadhuu
Jaalala gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin dhuunfatamee akkan isaan booji'amee harkifamu akka na gargaaru. Ani humna koofi jaalala koo qofaan osoo hin taane gargaarsafi jaalala afuura qulqulluutiin gara gooftaakoo yesuus Kiristoositti akka dhiyyaadhuutti hafuurri qulqulluun akka na gargaaru kadhachuu.
Kiristoos duukaa bu'anii fiiguun
Kiristoos duukaa bu'anii figuun fakkeenya cichoomina, cimanii dhaabbachuufi obsa qabaachuuti. Yeroo rakkinaa keessatti illee kiristoosiin dhiisuu irraaa, amantiidhaan laphee koo guutuudhaan kiristoosiin amanachuun akkan dhaabbadhuuf waaqayyoo akka na gargaaru kadhachuu.
".....Na fudhadhuu sokki! Dafnee in fiigna! Gara diinqa keetti na geessi yaa mootii! Nuyi durboonni sitti in gammanna, in ililchinas; jaalala kees daadhii waynii caalaa in jajanna; durboonni hundinuu dhuguma si jaallatu...."Weedduu Weedduu Caalu 1:4
Kadhata
Yaa Waaqayyoo uumaakoo kan sirraa adda na baasu hundumaa akkan dhiisutti ati na gargaari. Jaalalakeetiin na harkisi, araarakee natti agarsiisi.

17/08/2026

“Isin hoolota koo ti, hoolota koo warra ani tiksuu dha; isin namoota koo ti, ani immoo Waaqayyo keessan; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera” jedhe.
Hisqi'el 34:31

25/07/2026
09/07/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Boriif Jiraa, Ameyaa Bula, Shallama Garama, Keetinboon Wallaggaa

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa